Deuteronomy 16:11 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqa keesani durati gammada, isani, ilmaani teesani, hojattu teesani, worra gosa Lawiti, keessuma teesani, hiyyeeyifi nad'eeni hiyyeeyi ta dira keesani keesa teetu. Jila suni fulla AABBO Waaqi fohateeti tolfad'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ati, ijoolleen tee ta dhiiraatii fi ta intalaa, garboonni tee ta dhiiraatii fi ta intalaa, worri Leewwi'ii ka biyya kee keessa jiru, hiyyeeyyiinii fi worri sitti galee si woliin jiraatu, haati hiyyeessaallee hulee Rabbi Waandhi kee itti waaqeffamu'uuf filatetti Rabbii Waaqa kee afo'otti woliin gammaddan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati, ilmi keeti, intalti teeti, tajaajilaan keeti, tajaajiltuun teeti, worri Lewwootaa ka qachoota keeti keessa jiranu, worra alagaa, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee fi dubartii haadhotii hiyyeessaa ta odduu teessan jiranu woliin addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka maqaan isaa itti waamamuuf filatutti, Mootii Waan Maraa duratti gammadi.