Deuteronomy 16:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja sagale jila suni nyaattani, qit'a bukho qabu inyaatina. Haga guyya torba qit'a bukho inqamne nyaad'a akuma gaafa lafa Misiri keesaa baqatani tolchitani. Qit'a kana, ka qit'a gaargala jed'ani, nyaad'a, aka isani haga jirtani guyya lafa Misiri, ta isani keesati gaargaltani, keesaa baatani qaabattani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
buddeena bukkaaye isa woliin hin nyaatin; waan biyya Misiriitii jarjaraan baateef guyyaa biyya Misiriitii itti baate san umurii kee marattuu akka yaadattu buddeena rakko'oo buddeena akka xorosho'ootitti hojjatame haga guyyaa torbaa ciincaa san woliin nyaadhu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Foon ciinca'aa san daabboo uukoo qadduun hin nyaatin. Ati ariiti'iin biyya Gibxi'ii keessaa waan baateef, bara le'ii teetii mara guyyaa biyya Gibxi'ii keessaa baate san akka qaabattuuf, guyyaa torba daabboo uukoo hin qanneen nyaadhu. Isiin daabboo rakkinnaa ti.