Deuteronomy 17:19 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni ha kitaaba suni ufi bira kaye haga jiru ch'ufa soomuti, aka akasiini inni aka AABBO Waaqa sodaatu barate, waan keesati t'aafani ch'ufa garaa tokooni guutu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbii Waaqa ufii sodaachuu akka baratu, dubbii seeraa kanallee eegee akka raawwatu, onneen isaa obboleewwan ufii irratti akka uf hin janye ajaja irraallee bita'aa fi mirga akka hin jenne inninii fi ijoolleen isaallee bara baay'ee Israa'eliin irratti akka mooyan kitaabni kun isaan woliin jiraatee bara umurii ufii maraa haa dubbisuu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni jechoota seeraa fi seerata kanaa mara eegatiisaan, muummessiisalle'een, Mootii Waan Maraa Waaqa ifii sodaatiisa akka ittiin baratu, isa bira tee'uu ti. Inni bara jiruu ifii mara isa dubbisuu ti.