Deuteronomy 18:16 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafa isani fulla gaara Sinaiti wolti baatani Waaqa kad'attani, waan jettani, Nu qonqo AABBO Waaqa keenna deebine ind'agayiini, yokhaani ibida gudda akana kana deebine inargini; wonti isani akasi jettanifi, duu sodaattani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
guyyaa gaara Siina'aa irratti wolitti qabamtan hin duuna jettanii sodaattanii Rabbi deebi'ee akka isinitti hin dubbanneef waan mudhata ibidda sodaachisuu akka hin argineef gaafattanii turtan;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tun martinuu akka halchaa teessanii ta isin guyyaa yaa'ii gaara Siina'aa, «Nuuti akka hin duune, deebinee qoonqoo Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa akka hin dhageenne, ibidda guddaa kanalle deebitanee akka hin dhaggine» jettanee Mootii Waan Maraa Waaqa keessan daadimattanee ti.