Deuteronomy 19:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi AABBO Waaqi keesani worra isaani lafa isani iraa fud'attani balleese, ka isani dirafi mana worraa ira fud'attani keesa teetani,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Hennaa biyya Rabbi Waandhi keessan isinii kennu irratti orma lafa san irra jiraatan balleessu qachootaa fi manniin isaanii dhaaltanii keessa jiraachuu jalqabdaniin maayessa,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti gosa biyya adda addaa ta lafa isaanii ka sii kennu yennaa balleesse, qachoota isaaniitii fi mana isaanii dhaaltee achi keessa le'iisa yennaa jalqaddu,