Deuteronomy 19:14 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Daari lafa nama d'ibi, ta qara duri jaaroleeni mid'aasite, lafa AABBO Waaqi keesani isanii kennu keesati, imballeesina.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«lafa Rabbi Waandhi kee akka ati dhaaltuuf sii kenne lafa itti galtee dhaaltu san daangaa goshoo keetii ka namoonni duraa dhaaban hin buqqisin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka ati dhaaltuuf sii kennu keessatti, meessaa ollaa keetii ka worri durii dhaabe hin dhiibin.