Deuteronomy 19:15 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami toko ka nama woyake himu ingahu: yo nami lamafi; sadi himu male, wollaala nama suniti imurina.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Yakka nama tokkoo mirkaneessu'uuf ragaan nama tokkoo hin gawu; namni tokko yakkamaa ta'uun isaa ka beekkamu yoo diqqaate ragaa nama lamaa yookaan ragaa nama sadihiitiin mirkanaaya.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yakkaa yookiin cubbuu nami tokko huje mirkaneessiisaaf, afaan dhugaa baatota lamaa yookiin sadiitiin malee afaan nama tokkochaatiin itti hin mirkaneeffamu.