Deuteronomy 19:5 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Fakeenna, yo nami lama woliini badda seene mukha mure ato nami toko mukha muru d'agaraani isaa sukka keesaa bahe, nama wahela isaa kaani ijeese, inni dandae dira suni sadeeni tokoti baaqate lubbu ufii baasa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
namni goshoo ufii woliin muka muru'uuf gara bosonaa yoo deeme hennaa muka muru'uuf dhagaraa ol kaasee sibiilli qabata irraa bu'ee goshoo isaa akka malee dhayee yoo ajjeese namni dhiiga nama du'ee san baasu nama nama san ajjeesetti aaree akka isa hin ariineef yoo karaan jalaa fagaate akka isa hin ajjeefne, qachoota kanniin keessaa gara qachaa tokkoo dheessee keessa jiraata; armaan dura isa woliin gadoo waan hin qabneef du'uu isa hin barbaachisu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami tokko muka muriisaaf, nama tokko woliin baddaa seenee, muka muriisaaf harka yennaa ol fudhatu, agaraan sukkeya keessaa bu'ee, nama isa woliin jiru san dhowee, nami sun yoo du'e, nami ijjeese sun qachoota san keessaa gara tokkootitti baqatee, lubbuu ifii hamburatuu ti.