Deuteronomy 19:6 — Compare Translations

2 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo diri suni toko ch'alla taate, takachi suni nama ira fagaata duuba fiit'aani nama ijeesani suni ka haalo baasufi, nama kaani ka woma keesa injirre hegeri d'aqabe ijeesa. Ka ufuftu nami sunini namuma nyaapa isaa intahini danu ijeese.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri namicha du'ee, ka namicha ijjeese haluu baasiisaaf haajaa qabanu sun aaranee isa hin ari'an. Qachaan itti baqatanu sun fagoo yoo te'e, inni duraan namicha irraa haluu adoo hin qabaatin waan ijjeeseef, ka du'iisaaf hin malle te'ulle, worri namichaa reebee isa dhaqqabee hin ijjeesa fa'a.