Deuteronomy 2:36 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dira worra ch'ufa AABBO Waaqi, keenna haga Aroeri ka afaani bale Arnoniti fuud'e, dira wod'aka, bale jirtu d'aabe, haga Gileadi ch'ufa nu dabsachiise. Diri tokoleeni ka naaboni isaa jabaatte nu ch'absu dad'amne injiru.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Waandhi keenna qachoota Aaru'eerii ta daangaa dhooqa Aarnoonii irraa jalqabee karaa Gala'aadiitiin jidduu dhooqa sanii jiran maraa akka dhaallu nu godhe; qachaan dallawa qabdu ta nu ittisuu dandeettu afoo keenna hin turre; Rabbi Waandhi keenna maraa nuu kenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qachaa Aro'erii ka qarqara dhooqa Aarnonii jiruu fi qachaa dhooqa san keessa jiruu jalqannee haga Giil'aadiititti qachaan dalleenni isaa ka dhaka'aa nutti jabaatee hafe tokkolle hin jiru. Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna isaan mara harka keennatti dabarsee kenne.