Deuteronomy 2:9 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle AABBO Waaqi waan naani jed'e, worra Moabu ka d'aloota Lutu ingaargalchina yokhaani woli inhad'ina, wonti akanatiifi anini dira Ari yayu d'aala worraati kenne lafa worraa fulla tokole isanii inkennu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi, «Qachaa Eerii ijoollee Looxiitii hulee jireennaa godhee waan kenneef lafa san keessaa womaa isinii hin kennu; kanaafuu worra Moo'aabiitiin wol hin dhabinaa'a» naan jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa anaan, «Ani qachaa Aarii worra Mo'aabii sanyii Looxiitiif qabeenna isaanii godhee isaaniif kenneera. Lafa isaanii irraa tokkolle isiniif waan hin kennineef, isaan hin rakkisina'a yookiin woraanaaf isaan hin kakkaasina'a» jedhe.