Deuteronomy 21:23 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
reefi isaa mukha suni gubba bullu himmalle. Guyyuma suni ha awaalaniti, wonti akanatiifi reefi mukha irati fannisani abaarsa Waaqa lafatini d'ufa. Reefa suni awaala, aka lafa AABBO Waaqi keesani isanii kennu int'ureesine.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
namni muka irratti fannifame Rabbii Waaqa afo'otti abaaramaa waan ta'eef reeffa isaa muka irra hin bulchin; garuu lafa Rabbi Waandhi kee sii kennu akka hin batteessine reeffa san guyyama san awwaali.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
nami muka irratti fannifame ka Waaqi abaareeru waan te'eef, lafa Mootiin Waan Maraa isiniif kennu akka hin batteessine, reeffi isaa gaafuma san awwaalamuutii malee, muka irra hin bulin.