Deuteronomy 22:17 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle inni ya waan d'araatiini himate, gaafa anini fuud'ele isiini dubraaniti jed'e. Ammo wonti aka intalti tiyya dubra garsiiftu d'ugaani woya tana, me d'iiga isi laala!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
mucaan garuu deebisee abbaa mucatti'iitiin, ‹ani mucattii tee irratti durbummaa hin argine› jedhee jecha sobaa yoo dubbate, abbaan mucatti'ii garuu malkanni mucattii tiyyaa kunooti!› isaaniin jedhee malkata shaashii irraa isaanitti mudhisa;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kunoo maqaa isi'ii balleessee, ‹Intalti teeti bantii hin qaddu› jedhee himate. Beessisi durrumma'aa ka intala tiyyaa kunoo ti!» jedhee hoccuu dhiiga banti'ii qaddu san jaarsolee qachaa sanii duratti diriirsuu ti.