Deuteronomy 22:24 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
worra lachu ha dira keesaa alati baasani, d'akhaani d'aanani ijeesaniti. Wonti intala ijeesaniifi, waan isiini, ato dira keesa jirtu, ka nami d'aatu miju, iyyu diddefi. Ammalle wonti namicha ijeesaniifi, waan inni intala qaraa nami d'ibi fuud'aa kennani buufatefi. Akanaani hameenna akasi duraa baatani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
isaan lamaanuu qachattii keessaa gara raasa'aa baasa'aatii dhaga'aan tuma'aa ajjeessaa'a; sababaan mucattiin durbaa duuteef akka namni qachattii san keessa jiru dhagayutti akka namnillee bayee isii gargaaru waan iyyuu diddeef; mucaanillee wonti du'eef intala nama biraatiif qaadhimamte waan bira gayeef; akka kanaan waan hamaa Israa'eliin keessaa balleessitan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
isiin akka irraa buusanuuf qachaa keessatti waan hin iyyiiniif, namichille niitii nama dhibi'ii woliin waan rafeef, isaan lamaanuu seensuma karra qachaa saniititti gad baafamanee, dhaka'aan tumamanee ijjeefamanuu ti. Akka kanaan waan hantuu odduu teetii balleessi.