Deuteronomy 23:18 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle beese kara sharmut'oma kanaani argatani Mana AABBO Waaqa keesani d'uftani, waan kakhatani Waaqaa baaftani tolchitani imbaasina. AABBO Waaqi sharmut'oma akana kana guddo jibba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi waan seebara jibbuuf dhiiraa fi intaltillee gatii waan kanaan argatan maraa woreegallee yoo ta'e gara mana Rabbii Waaqa keetii hin fidin; lamaanuu Rabbii Waaqa kee afo'otti battii waan ta'aniif.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa worra galma waaqa dharaa keessatti sagaagalu waan jibbuuf, beesee waan kana irraa dhaggante, kennansa waadaa galane tokkolle muummessiisaaf, gara Galma Mootii Waan Maraa Waaqa keetii hin fidin.