Deuteronomy 24:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
duuba d'iirsi isii ka qara kaani, ka isi ufi jalaa baase isiini akasi taate, deebie maro lameeso niiti intolfatini. Wonti akanatiifi, yo inni maro lameeso deebie fuud'e ya AABBO Waaqa durati waan hamtu tolche. Isani waan hamtu akana kana lafa AABBO Waaqi isanii kennu keesati tolchu himmalle.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abbaan worraa ka duraa isii ari'e sun haga battoofteen maayii deebisee isii galfachuu isa hin barbaachisu; kun Rabbiin biratti jibbamaa waan ta'eef; lafa Rabbi Waandhi kee sii kenne hin xureessin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
muttaaraan eega isiin battoottee deebi'ee isii hin galfatin; wonni akkasii Mootii Waan Maraa duratti jibbisiisaa waan te'eef, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessatti, cubbuu akkasii hin hujin.