Deuteronomy 24:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo nami nama gosa isaa ka Israeli hatte tisse tolfate gurgurate hatticha suni ha ijeesani, akanaani hameenna akasi duraa baatani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Eennullee ijoollee Israa'elii obboleewwan ufii keessaa nama tokko hatee garbicha yoo godhate yookaan yoo uduu gurguratu argame hattichi haa ajjeefamuu; akka kanaan waan hamaa uf keessaa baafta.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami Israa'elii tokko gosa ifii Israa'el keessaa nama tokko hatee garboonfatuun yookiin gurguratuun yoo dhaggame ijjeefamuu ti. Akka kanaan waan hantuu odduu teetii balleessi.