Deuteronomy 25:7 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo yo oboleesi nama due sunini niiti suni fuud'u infeene, isiini ha gaara jaarole d'at'e, oboleesi d'iirsa kiyya ya na fuud'e maqa d'iirsa kiyya gosa Israeli keesa badu d'owu didde jette himattu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garuu obboleessi ka du'ee sun isii yoo fuudhuu dide gara bulchoota qachatti'ii dhaxxee ‹obboleessi abbaa worraa kiyyaa waan isa irraa eeggamu godhuu dide Israa'eliin keessatti obboleessa du'e saniif fiixaa hambisuu dhabe› jettee haa himattuu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleessi nama du'e sanii yoo isii fuudhiisaaf fedha hin qabaatin, isiin jaarsolee qacha'aa dura dhaxxee, «Wosoon kiyya, maqaan obboleessa isaa Israa'el keessatti akka waamamu hin barbaanne. Inni na dhaaluu didate» jettuu ti.