Deuteronomy 25:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
niitiini oboleesi isaa ira due sunini ha jaarole dura d'ufte, kobe isaa toko faana baafte, hanch'ufa fuulati tufte waan jettuuni, Wonti namicha niiti oboleesa isaa d'aalu dide tolchani tana.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
intalti namicha du'ee sun afoo bulchoota qachatti'ii sanitti gara isaa dhaxxee kophee miila isaa irraa tokkicha baaftee hancufa fuula isaatitti tuftee ‹nama obboleessa ufiitiif fiixaa hin hambisu jedhu akkanatti salphata› jettee haa dubbattuu;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
isiin jaarsolee qacha'aa duratti gara isaa dhikaattee, miila isaa tokkocha irraa kophee mulqitee, fuula isaatitti tuttee, «Kun waan nama obboleessa ifiitiif sanyii dabarsiisa didu irratti godhamu» jettuu ti.