Deuteronomy 26:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi amma nu AABBO Waaqa mid'aani qara muranne bamanaafi. Duuba dadu suni AABBO Waaqa dura kaya, isa kad'ad'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ammallee kunoo yabo'oo daraaraa lafa ati naa kennite keessaa ka duraa sii dhiyeesseera; atillee Rabbii Waaqa kee afoo fidii kaayiitii Rabbii Waaqa keetii sagadi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kunoo, Mootii Waan Maraa midhaan mata'aa ka lafa ati naaf kennite irraa fideera» jedhi. Achiin duuba Saaxaraa san Mootii Waan Maraa Waaqa keeti dura keyiitii, fuula Mootii Waan Maraa duratti sagadi.