Deuteronomy 26:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
waan AABBO Waaqaani jettani, Qoodi qulqullooni Waaqaa baasani mana keenna keesati inhamne, nu yayu worra gosa Lawifa, worra gosa teenna intahini fa, ilmaani hiyyeeyifa, ammalle nad'eeni hiyyeeyile akuma atini nuuni jette kennine. Nu seera kanke tokole inch'absine, yokhaani indeene.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ati Rabbii Waaqa kee afo'otti ‹waan woyyoome mana kiyyaa fuudhee akkuma ati na ajajjetti Leewwi'ii, nama namatti galee jiraatuu, hiyyeessaa fi haadha hiyyeessaatiifillee maraa kenneera; ani ajaja kee hin diinne; hin irraafannelle'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Mootii Waan Maraa Waaqa keeti duratti, «Akkuma ajaja keetiititti, qooda waan woyyuu te'ee mara mana kiyyaa baasee, Lewwootaaf, alaga'aaf, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadhotii hiyyeessaatiif kenneera. Ajaja keeti keessaa hin baane; tokkolle hin deene.