Deuteronomy 27:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi nama waan boch'ani waaqa jed'e kad'atu ka d'akha taanaani, mukha taanaani, sibiila taanaani mid'aase d'ossani kad'atu ha abaaruti, AABBO Waaqi waan akana kana guddo jibba. Duuba gumiini ch'ufti ha Amini! jettu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
« ‹Namni muka bocee, dhagaa qirqidee, sibiila bassee waaqa tolfamaa tolchee itti sagadu maruu ka abaarame haa ta'u; Rabbi waaqeffannaa waaqa tolfama'aa waan jibbuuf; kanaafuu baniin maruu deebisanii ‹Amiin!› jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Nami fakkii nama hujii harkaa beekuun hujante, ta Mootii Waan Maraa duratti jibbisiisaa teete qiriixee yookiin sibiila baqisiisee waaqa dharaa hujee, dhossa'aan dhaabu, ka abaarame te'uu ti» jedhane. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.