Deuteronomy 28:22 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi d'ukuba akana kana isaniti buusa: d'ukuba aka hiiqafa, nafa nama iitaufi qand'o fa, ammalle d'ulla; inni oolafi bubbe hamtu, ta mid'aani keesani gubde balleesitule, isaaniiti buusa, gaargali kunini isani iraa imbahu, haga isani hobaataniti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi dhukkuba nama huqqisu, gubaa'a, bobaya, oo'a, bona hamaa, waagi'ii fi hadaa gad sitti dhiisa; kunniin haga ati badduuf si ari'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa dhukkuba golgoleessuun, ka nafa o'isuun, iitaan, o'a woxaluun, oola'aan, gugguufa'aa fi shanto'oon haga ati baddutti si hin dhowa.