Deuteronomy 28:64 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi lafa ch'ufa keesa haga muumme lafaa gargari isani firfirse, achiti waaqa d'ibi, ka mukhafa d'akha iraa mid'aasani kad'attani, ka isanifi ababooti teesani taka inkad'atiini.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi orma daangaa lafaatii haga daangaa lafaa jiruu si bittinneessa; achitti waaqa tolfamaa atii fi abboonni tee hin beenne ka mukaa fi dhagaa irraa tolfame waaqeffatta.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa qaccee lafaatii haga qaccee lafaa taanitti, gosa biyya adda addaa odduu si hin bittinneessa; achitti waaqota mukaa fi dhakaa irraa hujamane, ka abbootiin teeti ta durii hin beenne hin tajaajilta.