Deuteronomy 29:18 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegad'a, aka nami arra arma eju tokoleeni uwa taanaani, d'iira taanaani, worra taanaani, gosa taanaani AABBO Waaqa keenna iraa gore, waaqa gosa d'ibii inkad'anne, yo akasi inni mukha olguddate, had'aafi mid'aani had'ao qabu fakaata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni deemee waaqolee tolfamaa worra ormaa sanniin waaqeffatu'uuf adha onnee ufii Rabbii Waaqa ufii irraa dogoggorsu dhiira yookaan intala, gosa yookaan worri isin keessa hin jiraatin, namni hujii hadhaaya'aa fi badaa akkanaa kana hojjatu isin keessa hin jiraatin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin keessaa dhiirti yookiin dubartiin, maatiin yookiin gosi gadhaan isaanii Mootii Waan Maraa Waaqa keenna irraa deebi'e, dhaqanee waaqota gosa biyya adda addaa akka hin waaqonfanne ifi eegadha'a. Hiddi midhaan hadhowaa summii qabu buusu odduu teessan akka hin jiraanne ifi eegadha'a.