Deuteronomy 29:19 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegad'a, aka nami arra arma jiru tokoleeni, ka dubbi wold'aqisa tana d'agaye garaa ufii keesa ufi sobe, Anini woma intahu, wonti kiyya ch'ufti naa tolti, ato anini mata jabaad'e hereguma kiyya gula deemele jed'u injirre. Heregi sunini isani ch'ufa dadaansafi hamamole akuma taka balleesa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni jecha abaarsaa kanniin dhagayee yoma onnee badduu tiyyaanillee deeme, dheebisaaf waan nama macheessu yoo dhuge nagaya argadha jedhee yoo yaade,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami akkasii jechoota abaarsaa kana dhage'ee, gadhaa ifii keessatti, ifi eebbifatee, ‹Ani mataa jabeennaan le'ulle, hantuun na hin dhaqqaddu› jedhee yoo herrege, worra dansa'aa fi worra hamaa irratti badii hin fida.