Deuteronomy 29:23 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Oobruuni teesani adaala, ta d'akha daalachafi soodi ch'allaani gubba jiru. Woma tokole imbaaftu ya bade. Lafti teesani aka dira Sodomafi Gomorafi Admafi Seboimu taati, ka AABBO Waaqi, gaafa aka male dallane kaani balleese.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
biyyi sun maruu ibiddi bobayee hin dhaamnee fi laftillee lafa sooqiddaa taati; akka wonti facaafame isii irratti hin biqille, marginii fi wonti lalisu kamuu akka isii irratti hin margine akka biyya Soodomiitii fi Gamoora'aa ka Rabbi lolaa fi hirpha ufiitiin balleesse akka Adaama'aatii fi akka Sibaayo'oo akka taate yoo argan;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
‹Latti sun guutumatti dhakaa bobe'uu fi sooddaan hin gubatti; wonni tokkolle irratti hin dhaabantu; wonni tokkolle irratti hin lattu; isiin akka badii Sodoomii fi Gomora'aa, akka Aadima'aa fi Zebo'iimii ta Mootiin Waan Maraa aari'ii fi mufii ifii guddo'oon garagaggalchee hin teeti› hin jedhan.