Deuteronomy 3:19 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo nad'eeni, ijoolle teesani, ammalle looni keesani (anini aka isaani looni heddu qabdani imbeekha) ha dira anini isanii kenne kaani keesati hafaniti,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garuu akka isin horii baay'ee qabdan hin beeka; dubartoonni teessan, ijoolleen teessan, horiin keessan qachoota isinii kenne keessa jiraatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Te'uu malee, isin horii hedduu akka qaddanu waan beekuuf, haadhotiin manaa teessan, ijoolle'ee fi horiin keessan qachoota ani isiniif kenne keessa turanuu ti.