Deuteronomy 3:24 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqa, gudda, anini imbeekha aka wonti atini na garsiiftu kunini iti keeyacha waan gugurdo nama mamsiisa, ka atini takaa tana tolchitu. Waaqi tokoleeni, ka waan guddo mama aka atini tolchite kana tolchu, gubbaafi lafale injiru!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
‹Yaa Rabbi! guddummaa keetii fi irree kee ana garbicha keetitti mudhisuu jalqabdeerta; Sami'ii fi Ardii irrattillee Rabbiin akka kee hojjachuu danda'uu fi Waandhi akka kee hunna qabu ka waa hojjachuu danda'u eennu?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ee Goottaa, Mootii Waan Maraa! Ati guddinnaa fi irree teeti jadduu ana tajaajilaa keetitti mudhisuu jalqaddeerta. Ol-gubba'aa fi lafa irratti waan ati gootuu fi hujii gugurdoo ati hujju ka hujuu dande'u waaqi dhibiin eennu inni?