Deuteronomy 30:20 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqa keesani jaalad'a, isaa saalfad'a, iraa ingorina: duuba, yo akasi taatani, isanifi ilmaani teesani, lafa AABBO Waaqi ababoota teesani Abrahamufi Isaaqofi Yakobo inkenna jed'e kakhate, keesati lubbuuni teesani d'eeratti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Lafa Rabbi abboota kee Abrahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobii kennu'uuf isaanii kakate sanitti galtee bara dheeraa akka jiraattu inni jireennaa fi dheerinna umurii keetii waan ta'eef Rabbii Waaqa kee jaalachuu, isa eeggattu'uu fi jecha isaa dhagawuu filadhu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootii Waan Maraa Waaqa keessan jaaladha'a; isaaf ajajama'a; isatti maxxana'a; inni jiruu teessan waan te'eef, lafa abbootii teessan ta durii Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoobiif kenniisaaf kakate san keessatti bara dheeraa isiniif hin kenna» jedhe.