Deuteronomy 30:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan ch'ufa keesa isani horsiisa; isani ilmaani heddu d'altani, looni guddo horattani, mid'aani guddole oobru teesani ira argattani. Inni akuma gammaddani ababoota teesani horsiise isanile horsiisa,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jecha Rabbii Waaqa keetii yoo dhageette ajajaa fi seera kitaaba seeraa keessatti barreeffame kana maraa yoo eedde, onnee kee guutu'uu fi qalbii kee guutu'uun gara Rabbii Waaqa keetii yoo deebite akkuma Rabbi abboota keetitti gammade waan mishaa ati gootu marattuu akkasuma waan sitti gammaduuf Rabbi Waandhi kee hujii harka keetii maraa, fiixaa kee maraa, hormaata loon keetiitii fi sanyii maasaa keetii maraa guddisee sii eebbisa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan waan isin hujjanu maraan, ijoolle'een, hortee horii keessaniitii fi midhaan ficha'aatiin isin hin duroonsa. Inni abbootii teessan duroonsiisaan akkuma gammade, isinille duroonsiisaan hin gammada.