Deuteronomy 31:12 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nama ch'ufa d'iirafi nad'eeni, ijoolle, worra gosa d'ibii ka dira keesani keesa taule wolti yaama, aka nami ch'ufti d'agaye AABBO Waaqa keesani sodaate, dubbi seera tana guutu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbii Waaqa isaanii akka sodaatan, jechoota seeraa maraa kanniin eeganii akka raawwatan banii maraa dhiiraa fi intala daa'immanii fi galaa isintti galee isin keessa jiraatu maraa wolitti qabi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootii Waan Maraa Waaqa keessan dhage'anee akka isa sodaatiisa baratanu, jecha seera kanaa mara akka dansaa akka eegatanu, kolbaa mara dhiira, dubartii, ijoolle'ee fi orma qachaa keessan keessa jiranu wolitti qaba'a.