Deuteronomy 31:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Musa, guyyaani kanke ya gabaabate. Yoshua yaami, fulla Waaro Woyyumati woliini koota, aka anini waan inni tahu male iti himu. Duuba Musafi Yoshuani Waaro suni d'aqani,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa Rabbi Muuse'een; «Guyyaan ati duutu dhiyaateeraa Iyyaasuu waamii akka isa ajaju daasee wol gayi'ii keessatti isa bira dhaabadhu» jedheen. Muuseenii fi Iyyaasuun dhaqanii daasee wol gayi'ii keessa dhabatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Kunoo, guyyaan ati duutu dhikaateera; akka ani isa ajajuuf Iyaasuu waamiitii isa woliin gara Dunkaanii Woldeenna'aa dhikaadha'a» jedhe; maarre Muuse'ee fi Iyaasuun dhaqanee gara Dunkaanii Woldeenna'aa dhikaatane.