Deuteronomy 31:17 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafasi anini worrati dallane, fuula ira deefad'e worra biraa deema, duuba worra imballeesani. Gaargali hamaani hedduuni worrati d'ufa, duuba worri, aka wonti kunini ch'ufti, maro anini worra lakiseefi, worrati d'ufte hubata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san ani guddisee isaaniin lola; isaan gata; fuula kiyya isaan jalaa deebifadha; ormatu nyaatee isaan fixa; guyyaa san ‹Dhugamaan Rabbi waan jidduu keenna hin jirreef wonti badaan kun nu irra gaye› haga jedhanitti waan badaa hama'aa fi rakkoo gudda'atu isaan irra gaya.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaa san ani isaanitti aaree bobe'ee, isaan hin lakkisa; fuula kiyya isaan duraa hin dhoffadha'a; isaanille hin badan. Badiin guddo'oo fi rakkoon guddoon isaan hin dhaqqaddi. Guyyaa san isaan, ‹Badiin tun Waaqi keenna waan nu woliin hin jirreef nu dhaqqaddee motii ree?› jedhanee hin gaafatan.