Deuteronomy 31:21 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
duuba gaargali hamaani hedduuni worrati d'ufa. Taatule sirba akana ilmaani isaani inuma sirbiti, duuba sirbi kunini d'uga naa taha. Hojja tanale, ato lafa anini worraa kakhad'e worraa ingeesini, anini herega worraa ch'ufa ya beekhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduma lafa ani isaanii kakadhetti isaan hin galchine yaada isaan yaadan ani waan beekuuf faaruun kun ijoollee isaanii jalaa hin baddu; hennaa wonti hamaanii fi rakkoon guddaan isaan irra gaye faaruun kun akka raga'aa ta'ee isaan afo'otti rageessa» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa badiin guddo'oo fi rakkoon isaan dhaqqaddu, faaruun tun sanyii isaaniitiin waan hin raanfataminiif isaan irratti dhugaa hin baati. Ani gara lafa isaanii kenniisaaf kakadhee san adoo isaan hin fidiniin dura adhalle waan isaan godhiisaaf yaadiisatti jiranu hin beeka» jedhe.