Deuteronomy 31:29 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini imbeekha, eegi anini due isani garagaltani, waan hamtu tolchitani, kara anini isani barsiisele iraa gortani. Ammalle eegi tana gaargali isaniti d'ufa, waan isani waan hamtu AABBO Waaqi jibbu tolchitani, isa dallansiiftanifi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga ani du'een maayessa sirima akka battooftan karaa ani isin ajaje irraa akka gortan ani waan beekuuf hujima harka keessaniitiin Rabbiin akka gaddisiiftan isa afo'otti waan hamaa waan gootaniif bara maayessaa waan hama'atu isin irra gaya.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani du'een duuba akka isin ijjumaa battoottanee, karaa ani isin ajaje irraa gortanu ani hin beeka. Isin fuula Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu waan hujjanuuf, hujii harka keessaniitille'een waan isa aarsitanuuf, baroota dhufanu keessatti badiin isinitti hin dhutti» jedhe.