Deuteronomy 32:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Looni keesaa ititu kenneefi, ree keesaa aanani kenneefi, ammalle hooliyefi laleesafi looni keesaa gabbinna kenneefi, dargaye dansaafi daad'i qullo zabibu obaase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni aannanii fi aannan itittuu, ka loon, hoolotaa fi re'iin irraa argamu, korbeeyyii mimmichuu, korbeeyyii hoolotaa, foon cooma korommi'iitii fi ka re'iinii ka biyya Baasaanii daabboo qamadii misha'aa woliin isaan nyaachise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dhadhaa looniitii fi aanan hoole'eetii fi re'e'ee cooma buruusoo hoole'ee, ta korbeeyyii hoolee Baashaaniitii fi re'e'ee xaltaa qamadii dansa'aa woliin kenneef; inni daadhii woynii dansa'aalle une.