Deuteronomy 33:17 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yusufuuni haga korma looni jabaata, gaafa aka gafarsa qaba. Gaafi sunini toko ilmaani kunki heddu ta Manase, kaani ilmaani kunki kud'ani heddu ta Efraimu. Gaafa sunini inni gosa ch'ufa tumate haga muumme lafaa d'iiba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gaachenni Yooseefii akka kormaa sodaachiisa; gaafni isaa akka gaafa gafarsaa jabeeyyi'i; isaaniin orma woraana; haga daangaa lafaa isaan ari'a; kumni kudhanii ka Efreemiitii fi kumni kudhanii ka Minaase'eellee akkasuma ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Arnyi Yoseefii akka korma qara dhalatee ti; gaafoti isaa akka gaafota gafarsaa ti; gaafota ifii saniin gosa biyya adda addaa haga qaccee lafaatitti hin woraana. Efreem ka akkasii kuma kudhan qaba; Minaaseelle kuma hedduu qaba» jedhe.