Deuteronomy 33:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan gosa Yuda inni akana jed'e: Ee AABBO Waaqa qonqo gosa worra Yuda ch'aqasi, gosa taanini wolti deebisi. Worraa kalchi, AABBO Waaqa nyaapa worra iraa d'owi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan gosa Yihuuda'aatiif akkana jedhe «Rabbii kiyya! iyya gosa Yihuuda'aa dhagayi; gosoota biraa woliinillee akka wol ta'an godhi; akka diina uf irraa dhooggan hunna jabaa isaanii kenni; hennaa diina ufiitiin lolan isaan gargaari.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Marroo Yihuda'aa, «Ee Mootii Waan Maraa, iyya gosa Yihuda'aa dhage'i. Gara kolbaa isaanii isaan fidi! Harkuma keetiin isaan irraa dhooggi; yennaa isaan diinota ifii woliin wol lolanu ati isaan qarqaar» jedhe.