Deuteronomy 34:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Musani diida Moabuti deeme, gaara Nebo, haga fiit'e gaaraa Pisga, ka dira Yerikotini ilaboru kore. Achiti AABBO Waaqi lafa ch'ufa isa agarsiise: lafa Gileadi haga dira Dani gama mirga;
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Muuseen raasaa Moo'aabiitii ka'ee gara gaara Naaba'aa baye; Iyyaariko'oo gara baya biiftu'uutiin qaccee gaara Phiisga'aa gaye; achii Rabbi lafa maraa akka gamatti laalu godhe; kunillee daangaa Gala'aadiitii kaasee haga qachaa Daanii ka gara kaabaatiin jiruu,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Muuseen dirree Mo'aabii ta gara gaara Neboo irraa gara qaccee Phiisga'aa irraa fuullee Yeriko'oo jirtuu ol baye. Achitti Mootiin Waan Maraa lafa mara, Giil'aadii haga Daanii,