Deuteronomy 34:4 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Tunini lafa anini Abrahamufi Isaaqofi Yakobooti kakhad'e, ilmaani teesaniti kenna jed'e. Anini ya sii agarsiise ammo atini achi ingeetu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Lafti fiixaa isaanii dhaalchisu'uuf Abrahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobiin kaku'uun abdachiisee waadaa gale tana; kunoo isii akka ijaan argitu si taasiseera; garuu ati achi hin ceetu.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Saniin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Latti tun ta ani Abrahaamiin, Yisihaqiin, Yaaqoobille'een, ‹Ani sanyii teessaniif hin kenna› jedhee waadaa gale; ati ila teetiin dhaggiteerta; ammoo itti hin galtu» jedhe.