Deuteronomy 5:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ammo guyyaani torbeeso guyya Sabato, ka AABBO Waaqa kanketiti, guyya kana huji inhojatiini, si taanaani, ijoolle tante taanaani, tissele tante taanaani hori kanke taanaani yokhaani keessuma tantele taanaani, guyya suni ha oolaani, tisseeni teetileeni akuma atini ooltu ha ooltuti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
guyyaan torbeesso'oo garuu Sambata Rabbii Waaqa keetiiti; akkuma ati hara baafattu hojjattoonni tee ta dhiiraatii fi ta intalaa, ijoolleen tee ta dhiiraatii fi ta intalaa, hojjata'aa fi hojjattuun tee, sangaan, harreen, horiin kee maruu, keessummaan kee ka si bira jiru guyyaa Sambataatitti womaa hin hojjatinaa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaan torbeesso'oo ammoo guyyaa ati ana Mootii Waan Maraa ulfeessiisaaf foorfattu. Guyyaa san ati, ilmi keeti yookiin intalti teeti, tajaajilaan keeti ka dhiiraa yookiin tajaajiltuun teeti ta dubarti'ii, qotiyyoon teeti yookiin harreen teeti yookiin horiin keeti marti yookiin ormi qachaa keeti keessa le'u hujii tokkolle hin hujina'a. Tajaajiltooti teetille akkuma keeti foorfatanuu ti.