Deuteronomy 5:16 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Abbeetifi haateti saalfad'u, aka anini AABBO Waaqi, kanke sini jed'u, aka atini lafa AABBO Waaqi sii kenne tana keesa nagayaani teete, lubbuuni tetileeni d'eerattu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«‹Akkuma Rabbi Waandhi kee si ajaje akka umuriin kee lafa irratti sii dheeratu, akka wonti mishaan sii qajeelu, abba'aa fi haadha tee kabajji.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«‹Lafa ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si'iif kennu keessa bara dheeraa akka leetu, wonni ati gootu marti akka sii toltu, akkuma ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si ajaje abba'aa fi haadha teetiif ulfinna kenni.