Deuteronomy 5:22 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tunini seera AABBO Waaqi gaafa isani fulla gaarati wolti baatani isanii kenne. Gaafa inni qonqo jabduuni ibidaafi, dumansa guddafi dukana guddo keesa isaniini dubbate, inni seera kana isanii kenne kad'ibiniti. Duuba inni seera kana d'akha hahafalicha lamaani irati t'aafe nati kenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Rabbi gaara irratti ibidda, duumessaa fi dukkana keessa ta'ee laagaa gudda'aan cimsee jechoota kanniin banii keessan marattuu hime womaa itti hin edaane; dhagaa baxxee lamaan irrattuu barreessee naa kenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ajajooti Mootiin Waan Maraa qoonqoo guddo'oon gaara Siina'aa gubba'atti ibidda, duumensaa fi dukkana dimma keessaa gumii teessan duudi'itti dubbate isaan kana; inni waan tokkolle itti hin daballe. Achiin duuba inni dhakaa baxxicha lama irratti barreessee natti kenne.