Deuteronomy 7:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja AABBO Waaqi keesani lafa isani fud'attani iti qubachu geetani tanaani isani d'ufe, inni gosa lafa suni keesa jirtu isani duraa baasa. Inni gosa torba gugurdo ta gosa teesani ira jirtuufi ta ammalle irre isani ira qabdu isani duraa baasa: gosa Hiti ta Girgashi ta Amori, ta Kanaani ta Perizi, ta Hivi ammalle ta Yebusi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Hennaa Rabbi Waandhi kee gara lafa dhaaltee itti galtu si fide; hennaa orma hedduu, worra orma torban worra si caalan, worra Keexotaa, worra Geergeseenotaa, worra Amoorotaa, worra Kana'aanotaa, worra Feerzaanotaa, worra Eewwotaatii fi worra Iyyaabusootaa si afo'oo baase.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti lafa ati dhaaliisaaf itti galtutti yennaa si fide, lafa san keessaa gosa biyya adda addaa hedduu ta isin caalaa bacattuu fi hunna qaddu torba Heetota, Girgaashota, Amoorota, Kana'aanota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yibusoota si duraa hin ari'a.