Deuteronomy 7:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni isani jaalate isani eebisa, aka isani daraartani ilmaani heddu d'alttani; inni oobru teesani eebise, duuba isani mid'aani, daad'i, d'ad'ale keesa argattani ammalle inni isani eebise loonifi reele horattani. inni waan kana ch'ufa lafa inni ababoota teesani kakhate keesati isanii kenna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
si baay'isa, lafa abboota teetii kakate san fiixaan kee, sanyiin lafa keetii, midhaan kee, woyiniin kee, sayitiin kee ka ejersaa, baay'inni loon keetii, tika hoolota keetiillee sii eebbisa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni si jaalata, si eebbisa, laakkossaan keeti hin baceessa; inni lafa sii kenniisaaf abbootii teetiif waadaa gale keessatti ijoollee teeti, oorruu lafa teetiitii fi midhaan fichaa keetii, woyni'ii fi zayitii ejersaa teeti haareya, jabbilee loon keetii, ilmoolee hoole'ee fi re'ee teetii hin eebbisa.