Deuteronomy 7:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba waan isani taatani, fulla worra ta woyyu ch'ufa balleesa, d'akha woyyu ka worri old'ad'aabe ch'ufa ch'ach'absa, akheekha waaqa worra ka Asheri jed'ani ch'iraa balleesa, waan worri boch'e aka waaqa yaamatu ch'ufa gubba balleesa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin garuu hulee ciincaa isaanii diigaa'a, soodduu isaanii caccabsaa'a, muka gaaddisaa ka isaan jalatti waaqa tolfamaa asheeraa jedhamu waaqeffatan muraa'a; fakii isaanii ka bocamellee ibiddaan gubaa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf ati addee ciinca'aa ta isaanii diigi; soodduu woyyittii isaanii caccassi; utubaa waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantu ta isaanii jissi; waaqota dharaa ka isaaniille ibiddaan gubi.