Deuteronomy 9:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani AABBO Waaqi waan naani jed'e, Beeni, hurrisi gadibui; wonti akanatiifi worri kanke, ka atini lafa Misiri keesaa d'ufteeni, ya hammate waan daba tolche. Worri arra kale dubbi anini jed'eeni taani iraa deebie, sibiila basse mid'aase, aka waaqa inkad'atiini.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Kanaan maayessa Rabbillee ‹Dafii as irraa bu'i banii kee ka ati biyya Misirii keessaa baafte battaayaniiranii waan ani isaan ajaje irraallee goraniiran, fakii baffamee hojjatamellee ufiif qopheeffataniiran› naan jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, anaan, «Kolbaan ati biyya Gibxi'ii keessaa baatte waan battootteef, ariifadhuutii gaara kana irraa gad bu'i. Isaan yoosuma waan ani isaan ajaje irraa goranee, waaqota dharaa sibiila irraa baqisiisanee hujataneeran» jedhe.