Deuteronomy 9:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo amma tana beekha, nami isani dura deeme aka ibida woi gubu AABBO Waaqa keesani. Inni isani dura deeme, worra dabsate balleesa, duuba isani worra gussitani, akuma inni kakhate, yoosu balleesitani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Waandhi kee akka ibidda bobawuu ta'ee si afoo lufee akka isaan balleessu adha beeki; Rabbi si afo'otti isaan salphisa; akkuma Rabbi sitti hime daddaftee isaan balleessita.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Te'uu malee akka ibidda gubuu si'iin dura ka gamatti bu'u Mootii Waan Maraa Waaqa keeti akka te'e adha beeki. Inni isaan hin balleessa; fuula keeti duratti isaan hin injifata. Ati Akkuma Mootiin Waan Maraa waadaa sii galetti ariitee isaan hin baatta; ariitiille'een isaan hin fixxa.