Deuteronomy 9:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi AABBO Waaqi keesani worra isani duraa gusse, garaa keesani keesati maruma dansuma teennatifi AABBO Waaqi lafa tanaani nu d'ufe, fud'ad'a nuni jed'e injed'ina. Wonti akanatiifi AABBO Waaqi maro hameenna worra kanatifi worra isani duraa gussa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Rabbi Waandhi kee afoo keetii haga isaan baaseen maayessa waan qajeellummaa kiyyaatiif lafa tana na dhaalchisu'uuf Rabbi Waandhi na seensise› jettee onnee keetiin hin yaadin; Rabbi orma kanniin waan cubbuu isaaniitiif afoo keetii isaan baasa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti isaan si duraa ari'ee baaseen duuba, «Balchummaa tiyyaan akka ani lafa tana qabadhuuf, Mootiin Waan Maraa as na fide» jettee hin yaadatin. Balchummaa teetiinii moti; isaan hamoolee waan te'aneef, inni si duraa ari'ee isaan baase.